Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nuti lammiiwwan Itiyoophiyaa yoo wal deggeree fi wal gargaarre rakkoo nuti irra hin aanne hin jiru: Atlet Daraartuu Tulluu


Atlet Daraartuu Tulluu (suuraa faayilii)
Atlet Daraartuu Tulluu (suuraa faayilii)

Federeeshinii Atleetiksii Itiyoophiyaa naannoo Amaaraa keessaa sababaa wal waraansaan lammiiwwan qe’ee irraa buqqa’aniif kan oolu gargaarsa nyaataa fi meeshaalee adda addaa gumaachee jira.

Uummanni miliyoonni torba naannoo Amaaraa keessaa buqqa’eef lammiiwwan Itiyoophiyaa biyyootii alaa keessa iraatan, mootummaa akkasumas namoota naannoo irraa deggersi godhamaafii akka jiru angawoonni ibsaniiru.

Guyyaa har’aa federeeshinii Atleetiksii Itiyoophiyaa qarshiin miliyoonni 4.5 baasii ta’uu dhaan deggersi nyaataa fi ka biroon kennamee jira

Hojjettoonni qubsuma yeroofii Zenzelmaa keess kanneen jiran buqqaatota kuma 900 daawwatanii jiru jechuu dhaan Aster misganaw Baahir Daar irraa gabaasteetti. federeeshinii Atleetiksii Itiyoophiyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG