Xurree ittiin seenan

Breaking News

Talaalliin Vaayiresii Omikroon Ittisuu Danda’u Oomishamaa Jira


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Kampaniin dawaa oomishu kan Briteen fi Swidiiin Astra Zenekaa fi Yuniversitiin Oksford talaallii haaraa doosii lamaa fudhatamu kan COVID-19 kan addatti vaayiresii Omikroon ittisu oomishaa jiraachuu beeksisan. Talaalliin kun talaallii vaayiresii biraa ittisuu danda’u irratti kan hundaa’e ta’uu isaa fi DNA seenee nama dhukkubsuu akka hin dandeenyetti jijjiirame kan oomishamu jedhameera.

Garee qorannaa Oxford kan hoogganan Sandy Douglas, gaazixaa Financial Times jedhuuf akka ibsanitti, talaalliin haaraan kun vaayiresii haaraa kamiifuu hatattamaan akka hojjetu ta’uu oomishama jedhan.

Qorannaan The Lancet Medical Journal jedhamu irratti maxxanfame, talaalliin farra vaayiresii Koronaa kan AstraZeneca jedhamu erga doosii lammataa fudhatamee booda dadhabaa adeema. Qorannaan kun kan ifa ta’e namoonni duraan tallaalii kana fudhatan erga kan akkaan daddarbu vaayhiresii Omikroon of irraa ittisuuf talaallicha kan cimsu ka booster jedhamu fudhatan heddummaataa adeemanii ti.

Israa’el faca’ina vaayiresii Omikroon ittisuuf talaallii doosii afur qabu qopheessuuf yaalaa jirti. Muummichi ministeeraa Naftaalii Bennett akka jedhanitti gumiin gorsitoota addaa namoonni umuriin isaanii waggaa 60 fi isaa ol ta’an akkasumas kanneen dandeettiin dhibee of irraa ittisuu isaanii dadhabaa ta’ee fi hojjettoonni eegumsa fayyaa akka fudhatan yaada dhiyeessaniiru.

Yaadi haaraan kun kan dhiyaate ennaa Israa’el weerara koronaa marsaa shanaffaa sababaa Omikroon isee mudatee jirutti. Ministriin eegumsa fayyaa akka gabaasetti har’a qofaa namoota 340tu vaayiresii kanaan qabame. Walumaa gala lakkoobsi namoota biyyattii keessaa vaayiresichaan qabamanii 1,300 guutee jira.

Gama biraan daayirikterri jaarmayaa fayyaa addunyaa kan kutaa Awrooppaa ardittii keessatti weerarri ka biroon dhufaa jiru sababaa vaayiresii Omikrooniin hammaataa adeeme jechuun akeekkachiisan.

WHO kan Awrooppaa walakkeessa bara 2022tti sababaa COVID-19N namoonni 700,000 ta’u du’uu malu jechuun akeekkachiise.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG