Xurree ittiin seenan

Breaking News

Feltman Taayitaa Isaanii Dhiisuuf Jedhu


FAAYIILII - Gaanfa Afriikaatti jilli addaa Yunaayitid Isteetis Jefirii Feltman
FAAYIILII - Gaanfa Afriikaatti jilli addaa Yunaayitid Isteetis Jefirii Feltman

Gaanfa Afriikaatti jilli addaa Yunaayitid Isteetis Jefirii Feltman baatilee sagal oliif erga tajaajilanii booda itti gaafatama isaanii irraa akka ka’an akkasumas kan ambaasaadderummaa Turkii xumuraa jiran David Satterfield bakka isaanii kan bu’an ta’uu maddeen sadii dhimma isaa keessa beekan har’a Rooyitersiif ibsanii jiru.

Dipilomaatichi gameessi Ameerikaa Feltman, baatii Ebla keessa aangoo kanatti kan dhufan yoo ta’u, battala rakkoo gurguddaa lama keessa seenan. Tokko TPLF fi loltoota mootummaa Itiyoophiyaa waliin wal waraansa geggeessamaa jiru akkasumas baatii Onkoloolessaa keessa kan geggeessame fonqolcha mootummaa waraanni Sudaan geggeesse.

Kan dursee hin beeksisamne oduun taayitaa isaanii gad dhiisuu kan dhaga’ame, angawoota mootummaa Itiyoophiyaa gameeyyii waliin wal arganii dhimma nageenyaa irratti mari’achuu akkasumas dhiibbaa bodanaa kan Washiington walitti bu’iinsi akka dhaabatuuf godheef kamisa borii gara Itiyoophiyaatti imaluu isaanii dura.

Kan umuriin waggaa 62 Feltman, diplomaatii Ameerikaa ta’anii waggoota 25 oliif hojjetaniiru.

Feltman hojii isaanii kana ennaa eegalan waggaa tokkoo gadiif tajaajiluuf akka ta’e maddi dhimma isaa keessa beeku beeksisee jira. Ministriin dhimma alaa yaada kennuu irraa of qusatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG