ADAAMAA —
Waggoota hedduuf ka dhukkubsataa ture weellisaan Oromoo beekamaan Nuhoo Goobanaa du’aan boqochuu maatiin isaa dubbatanii jiran.
Nuhoon kaleessa magaalaa Adaamaatti kan boqote yoo tahu sirni awwaalaa isaa Kibxata boruu magaaluma Adaamaatti akka gaggeeffamu maatiin ifa godhanii jiran.
Bulchiinsi magaalaa Adaamaas weellisaa kanaaf sirna awwaalaa gitu ka qopheessaa tahuu waajjirri aadaa fi Tuurizimii Adaamaa beeksiseera.
Gabaasaa guutuu caqasaa.