Adan Huseen dardara umuriin ganna 14 Godina Booranaa Aana Waacillee jiraatu. Adan kutaa 8 ka barataa jiru yo dhiyeenya kana balfarraa BaayoGaazii qopheessuun manneetiin ganda baadiyyaa isaa keessa jiran 8 ifaa akka argatan taasisee jira. Adan Sagalee Ameerikaaf ennaa dubbatu, hoii kanaaf rakkoo hawaasi kiyya qabu furuuf kana hojjedhe, jedhe.
Ammas hojii kana itti fufuuf akka yaadaa qabu kan hime yoo tahu, barsiisaan isaa Boruu Soraa Adan kalaqa kaanis akka qabu Sagalee Ameerikaatti himanii jiran.