Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Awuroopaa Yukreeniif Meeshaa Waraanaa Bituuf Maallaqa Oluu Gumaachuuf Saganteefatee Jira


Dura teechuu Koomishinii Awrooppaa Ursulaa Der Leeyin, Guraandhala. 27, 2022.
Dura teechuu Koomishinii Awrooppaa Ursulaa Der Leeyin, Guraandhala. 27, 2022.

Gamtaan Awuroopaa tarkaanfii ammaan dura hin baratamneen, Yukreeniif meeshaalee waraanaa akka bitamuuff maallaqa kennuuf karoorfachuu isaa Dilbata kaleessaa beeksisee jira.Weerara Raashaan Yukreen irratti gaaggeessiteef gamtaan Awuroopaa ugguura ka’uun bi yaadatama.

Karoora gamtaan Awuroopaa meeshalee waraanaa bituuf maallaqa kennuuf baafate kun, Yuroo Miliyoona hedduu kan caasaa ittiisa haleellaa samii irraa ittisu, , meeshaalee farra Taankii, Rasaasaa fi meeshaalee waraanaa kanneen biroo humnootii waraanaa kan Yukreeniif bituuf oola.

Kana malees waan akka boba’aa, waan ittiin qaama aguuganii of irraa ittisan, Kofiyaa sibilaa, fi waan gargaarsa wal’ansa fayyaa kan sadarkaa duraa kennuuf gargaaran dabalata.Bakka bu’aani sadarkaa olaanaa kan gamtaa Awuroopaa Jeesef Boreel akka jedhanti gamtaan Awuroopaa duula waraanaa keessatti, meeshaa waraanaa hin kennu ka jedhu hafeera jedhan.

Sababiin isaas, waraana Yukreen gargaaruuf dullii amma kun hirmaannaa keenya gaafata jedhan.

Prezidaantiin komiishiina Awuroopaa Ursula von der Leyen tarkaanfiin kunii fi ka biraan barbaachisaa ta’an hogganoota gamtaa Awuroopaan ni raggaasisuu jedhanii eegaa jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG