Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barataan Indiyaa Yukreen keessattii Ajjeefame


Barattoota lammii Indiyaa Yukireen keessatti danqaman
Barattoota lammii Indiyaa Yukireen keessatti danqaman

Lammiiwan Indiyaa yukreen keessatti barachaa jiran keessaa barataan Ogummaa fayyaa umuriin isaa wagga 21 bakka waraanii Raashaa fi Yukreen lola taasisaa jiran magaalaa guddaa 2faa yukreen kan ta’ee Khaarkiiv Keessatti ajjeefamuu isaa ministirrii dhimmaa alaa Indiyaa ibseera.

Baraataan kun kan ajjeefamee haleellaa meeshaa waraan gurguddaatiin fagoo irraa raawwatameen akka ta’e kan hime ministiirrii dhimma alaa Indiyaa, ambaasadarootaa Raashaa fi Yukreen Waamuudhaan barattootaa Indiyaa magaalaa Khaarkiiv fi magaallawwan biroo keessaa karaa bahan dhabanii rakkachaa jiraniif akka haalaa ba’uumsaa mijeesaniif gaafachuun isanii gabsaameeraa.

Dhimma lammiiwwan biyyoota Afrikaa Yukireen keessatti danqamanii.
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:31 0:00

Dhimma kana akka dhiyeenya irraa hordofan jechuudhaa Ministiroota ishee Afur garaa Hangaarii, Romaaniyaa, Slovaakiyaa fi poolaanditti erguu ishee kan ibsitee Indiyaan, baratootaa 18,000 caalaan isaanii koleejotaa baruumsa ogummaa fayyaa keessaa kan baratan yukreen keessa qabdi.

XS
SM
MD
LG