Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Yukreen NATO hin fedhu jedhan


Pirezdaantii Yukireen Volodyimeer Zeleneskii
Pirezdaantii Yukireen Volodyimeer Zeleneskii

Raashaadaa wajjin walwaraansa keessa kan jiran Prezidaantiin yukireen Voolodimiir Zeleniskii biyyii isaanii kanan booddee miseensaa NATO ta’uudhaaf akka fedhii hin qabnee dubbachuu isaanii gabaasinii dhaabata oduu Ajaans frans prees ibseera.

Wixataa dheengadaa galgalaa dhaabata oduu ABC waliin gaafii fi deebii taasisan keessatti Prezidaant zeleniskiin akka jedhanitti, biyyaa jilbeenfattee waa kadhatuu fi prezidaantti ta’uu akka hin barbnaane dubbataniiru. wa’ee kutaawan baha biyyatti keessa jiran lama, warren yukireen irraa fottoquuf lola keessa jiranii fi warren Raashaan ittuu lolli hin jalqabin duraan beekumsaa biyyumaa keniteef irratti waliigaltee marii irratti hundaa’ee taasisudhaaf akka qophaa’aa ta’n himuun isaanii gabaasameera.

Kutaan biyya yuukree Donesk fi Lugansk bara 2014 jalqabanii bilisummaadhaaf jechaa mootummaa Yukireenii wajjin lola irra akka turan kan beekamuu yemuu ta’uu , Prezidaant Zeleniskiin kutaalee biyyaa lamman kana ilaalchisee yaadaa kennaniin mootummaan isaanii rakkina biroo keessaa galuudhaaf akka hin qophoofne himaniiru. Dhimma kana irratti ergaa Prezidaanti Raashaa Voladimiir putiinf dabarsanin wantii Putin gochuu qaban taa’anii maryachuudha jechuun isaanii gabaasameeraa.

Sababinii guddhaan Raashaan Yukreen irratti waraanaa labsete akka biyyii olaa ishee miseensa NATO hin taanee ittisuudhaaf akka ta’e ibsamaa turuun isaa waan beekamuudha.

XS
SM
MD
LG