Itiyoophiyaan imaammata afaanii akka qabaattuuf Manni Maree Ministarootaa Itiyoophiyaa erga murteessee waggaa lamaa ta’eera. Dhiheenya kanaa Ministiriin Aadaa fi Ispoortii Itiyoophiyaa ibsa kenneen Afaan hojii mootummaa Federalaa afaan tokkorraa gara afaanneen shaniitti guddisuuf hojjetamaa jira, jechuun isaa ni yaadatama.
Kaba irratti hayyoota afaanii fi dhimma hawaasummaa dubbisuun gabaasaa qindeessinee jirra. caqasaa.