Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dura Taa’aan Gamtaa Afriikaa Prezidaantii Raashaa Waliin Mari’atan


FAAYILII - Prezidaantii Senegaalii fi dura taa’aa gamtaa Afriikaa, Makii Saal
FAAYILII - Prezidaantii Senegaalii fi dura taa’aa gamtaa Afriikaa, Makii Saal

Prezidaantiin senegaalii fi dura taa’aan gamtaa Afriikaa Makii Saal prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putin walii galtee lola dhaabiinsaa waaariinsa qabu akka tolchan gaafatan. Haasaan Saal Putin waliin geggeessan kun kan dhaga’ame senegaal weerara Raashiyaa balaaleffachuu irratti sagalee Tokkummaa mootummootaatti kenname irraa of qusattee torban tokko booda. Akka gabaasa Aniikaa Hamerschlaag Daakaari irraa ergametti biyyoonni Afriikaa wal waraansi sun akka dhaabatu fedhii qabu, garuu Putiiniin illee mufachiisuu hin fedhan.

Senegaal Afriikaa dhiyaa keessaa biyya fakkeenya dimokraasiitti kan ilaalamtu ennaa ta’u tarkaanfii ishee kun hedduuf ajaa’iba ta’ee jira.

Raashiyaan ardii Afriikaa keessaa wal jijjiirraa daldalaa hedduu qabdi. Senegaal fakkeenyaaf waggaa darbe kampanii boba’aa Raashiyaa Lukoil waliin walii galtee doolaara miliyoona 300 mallatteessitee jirti.

XS
SM
MD
LG