Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojjattoota Keenya Eenyu Akka Ajjeese Mootummaan Deebii Haa Kennu (MSF) 


FAAYIII - TAANKII humnoota Tigraay naannoo magaala Mehonii, Mudde 11, 2020
FAAYIII - TAANKII humnoota Tigraay naannoo magaala Mehonii, Mudde 11, 2020

Jaarmayaa gargaarsaa fayyaa, Doktooroota daangaa hin uggurre jedhamuuf hojjataa kan turan namoonni 3 Tigraay keeessatti ajjeefamuu kan ilaaleen qorannaan gaggeeffame itti gaafatamaan waraana Itiyoophiyaati jechuun gabaasa ba’e mootummaan Itiyoophiyaa deebii akka itti kennuuf jaarmayichi gaafatee jira.

Gaazexaan Niiw Yoork Taayims akka maxxanseetti, Mariyaa Hernaandez, Tedros Gabra MAARIYAAM FI Yohannis Halefom Waxabajjii 24 bara 2021 beekaa Tigraay keessatti ajjeefamuu irratti qorannaa gaggeeffame maxxanse.

Ajjeefamuu jarreen sadeeniif raayyaa ittisa biyyaa kan Itiyoophiyaa itti gaafatamaa kan taasisee yoo ta’u, kunis ajajaa raayyaa ittisaatu kallattiin harka keessaa qaba jedhe.

Gareen Doktooroota daangaa hin uggurre(MSF) irraa Pawilaa Jiil haala kanaaf mootummaan Itiyoophiyaa deebii haa kennu jechuun gaafate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG