Boordiin Filannoo Itiyoophiyaa Addi Bilisummaa Oromoo kora sabaa yokaan yaa’ii waliigalaa akka waamu waamicha dhiheesse. ABOn waamicha boordicha simachuu isaa, itti-gaafatamaan quuunnamtii uummataa paartichaa, Obbo Lammii Gammachuu Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himanii jiran.
Gama biraatiin, ABOn Obbo Araarsoo Biqilaan hoogganamu waamichi Bordichi Filannoo dhiheesse fudhatama hin qabu, jedhe.