Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganaan Milshoota Jaanjaawiid duraanii Seeratti dhihaateera


Suuraa Mana Murtii 'ICC' irraa karaa ANP Ebla 4 2022 argame, Hhgganaa duraanii hidhatootaa Sudaan Kaabaa Milishoota jaanjaawiid Ali Muhammad Ali Abdal Rahmaan
Suuraa Mana Murtii 'ICC' irraa karaa ANP Ebla 4 2022 argame, Hhgganaa duraanii hidhatootaa Sudaan Kaabaa Milishoota jaanjaawiid Ali Muhammad Ali Abdal Rahmaan

Hogganaa duraanii hidhatootaa Sudaan kaabaa Milishoota jaanjaawiid jedhamee beekamuu kan ta’ee Ali Muhammad Ali Abdal Rahmaan guyaa ha’raa Mana murtii yakkaa Idelee Addunyaatti dhihaachuun isaa wareen bara sana Sudhaan kaabaa daarfuur keessaa jiraataa turanii yeroo ammaa Sudaan kibaa keessatti argaman waan yeroo dheeraadhaaf eegaa turan ta’uun isaa gabaasameera.

Nammii maqaa Alkushaa’ib jedhamuun beekamuu hogganaan milishootaa Jaanjaawiid kun Hagayya bara 2003 amma Bitootessa 2004 Sudaan kaabaa keessaatti sarbiinsaa mirga namoomaa irratii raawwatamee fi yakkaa waraanaatiin himannaan 31 irratii dhihaateera.

Gareen milishaa jaanjaawiii Prezidaantii Sudaan duraanii Ahimad Al Bashiriin kan degeramaa ture yemmuu ta’u , dhimmaa wal waraansaa kanaan walqabatee Kushaa’b akka qabamu manii murtii yakkaa aduunyaa bara 2007 ergaa ajaja dabarsee booda bara 2020 harka kennee garaa biyyaa Niitherlaand magaala Heeg ti dabarfamee guyaa himannaan itti dhihaatu eeggacha ture.

Ammaa Adoolesaa bara 2015 ti Daarfuur keessatti siviilonni 300,000 ajjeefamanii ,namoonni miiliyoonii 2. 7 ta’anu immoo jireenyaa isaanii irraa buqqa’uu isaanii gabaasinni mana murtii yakkaa adduunyaa irraa bahee kun ibseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG