Karaa nagaan galuudhaaf daangaan yeroo lafa kaa’ame waaan dhumateef, hidhattoota Sosochii Dimookiraatawaa Uummata Gumuz, /GUHDEN/ irratti tarkaanfiin fudhatamaa jira jechuun, Biiroon Ijaarsa Nagaafi Nageenyaa Naannoo Benishaangul Gumuz beeksise.
Gama biraan, Dura-taa'aan GUHDEN, "Dhukaasa mootummaan baneen, lammiileen meeshaa waraanaa hin hidhatin, miidhamaa jiru, mootummaan waraana eegale dhaabuu qaba." jechuun dubbatan. Naakoor Malkaa Ambo irraa gabaasaa qindeesse qabna.