Wiirtuu Dandamachiisa Feestullaa kun dubartoota dhibee feestullaa irraa dandamataniif leenjii kenna. Dubartoonni leenjii irra jiran leenjii xiin-sammuu fi hojii uummachuu kan egeree isaanii jijjiiruu danda’u akka fudhataa jiran himanii, mudannoo fi muuxannoo akka waliif qoodan, mala ittiin festullaa ittisan irrattillee hawaasaaf akka hubannoo kennaa jiran dubbatan.