Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Naannoo Tigiraay Booji’amtoota Waraanaa Kuma Afurii Ol Gad-lakkisuuf Murteesse  


Mootummaan Naannoo Tigiraay Booji’amtoota Waraanaa Kuma Afurii Ol Gad-lakkisuuf Murteesse 
Mootummaan Naannoo Tigiraay Booji’amtoota Waraanaa Kuma Afurii Ol Gad-lakkisuuf Murteesse 

Mootummaan naannoo Tigiraay booji’amtoota waraanaa kuma afurii ol akka gad-lakkisaman murteessuu isaa beeksise. Qindeessaa Waaltaa Booji’amtootaa Maqalee ka tahan Obbo Birhaanee Kebbedee akka ibsanitti dubartoota 401 dabalee booji’amtoonni waraanaa 4,208 akka gad-lakkisaman murteessame kun miseensota raayyaa waraanaa Itiyoophiyaa duraanii ti.

“Booji’amtoonni kun, baatiilee 11 caalaa yeroo achi turanitti nyaatni isaanii, ciisichi isaanii, dawaan wal’aansa isaanii, mannii fi bishaan ittiin jiraatan kan uummatni Tigiraay kenne. Kanneen ajjeechaa geggeessan,gochaa namni hin raaw’achuu hin danda’u jedhamu kanneen raaw’ataniin lammiwwan Tigiraay diinaan otuu gidirfamaa jiruu, naannoolee Tigiraay bilisa hin ba’iin jiru keessatti lammiin Tigiraay ajjeesamaa fi gubataa otuu jiruu, rakkoo fi gidiraan hundi otuu irratti raaw’atamaa jiruu uummataa fi mootummaa kana hundumaa obesee namoota kana kunuunsee, nyaachisee, wal’anee, barsiisee, gochaa akkanaa akka hin raaw’anne, jedhee gorsee gad-dhiisu tu as jira” jedhan, Obbo Birhaanee Kebbedee.

Gidduu kana magaalaa Maqalee keessatti bakka maanguddoonnii fi hoogganoonni amantii argamanitti sirna geggeessaa booji’amtootaa geggeessame irratti, waraansichi marii fi araaraan akka furamu, maanguddoonnii fi abbootiin amantii argaman gaafatanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG