Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaabinee Haaraan Kan Awustraaliyaa Walgahii Jalqabaa Gaggeessee Jira 


Mummeen Ministiraa Awustraliyaa Antoonii Albanees dubartoota ministirummaaf filataman wajjin, Waxabajjii 1, 2022.
Mummeen Ministiraa Awustraliyaa Antoonii Albanees dubartoota ministirummaaf filataman wajjin, Waxabajjii 1, 2022.

Kaabineen Awustraaliyaa inni haaraan har’a kakatee aangoo eega qabatee sa’atilee hanga tokko booda yeroo duraaf walgahee jira.

Mootummaan haaraa hundeeffame kun dubartoota 13 kan of keessaa qabu yoo ta’u, dubartii Musleemaa yeroo duraaf qabaachuun namoota jalqabaa kaasee biyyatti keessa turan jedhaman irraa moo dhimmi isaaniif Ministeera gochuun muudee jira.

Sirnii kakachuun aangoo qabachuu kun magaala Kaanbeeraa keessatti kangaggeeffame yoo ta’u kunis mummichi ministeeraa haaraan Antonii Albaniis eega injifatanii guyyaa 11 booda.

Albaniis ministeeroota walgahii kana irratti argamaniif haasawaa dhageesisaniin, asitti argamuu koon nana gammada.Guyyaa Guyyaatti kutaa kana keessatti gammachuu qabaadhaa. Akkasumas guyyaa guyyaatti waan addaa fidaa.Itti gaafatama guddaatu nutti kenname.Yoo sirritti hojjanne yeroo dheeraaf turra.Kana malees biyyatti gara waan gaariitti jijjirraa jedhan.

Kaabineen Albaanis kun namoota haaraa kan qabu yoo ta’u seera tumtoota hanga tokko kanneen mootummaa duraanii isa waggaa 9 dura aangoo qabate keessaa tajaajiilaa kanneen turaniis keessa jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG