Itoophiyaatti bara 2014 baatii 10'n keessatti qofa lammiileen miiliyoona 1 fi kuma 300 ta'an dhibee Busaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseera.
Biyyoota addunyaa adda addaa irratti kan mul'atee jiru, dhukkubni Maariyyee Jaldeessaa hanga ammaatti Itoophiyaa keessatti hin mul'anne jechuun Deetaan ministeera fayyaa Dr.Darajee Dhugumaa ibsaniiru.
Gama biraatin tatamsa'inni vaayirasii Kooviid 19 yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessatti dachaan dabalaa akka jiru dubbatan. Tsahaay Daamxoo ibsa ministarichaa hordufuun gabaasaa ergite qabna.