Raashiyaan Yukireeniin rukkutuu isheetiif biyyoonni baay’een yeroo Raashiyaa irraa fagaataa jiranitti, Zimbaabuween garuuu, dhiheenya kana aangootuu Raashiyaa sadarkaa ol’aanaa biyya isheetti keessumsiistee jirti.
Torban dabre keessa ka Zimbaabuwee daawwatan dura-teessuun Gumii Federeeshinii Raashiyaa – Vilaatiinaa Ivaanoovnaa Maativeenkoo, biyyoonni addunyaa gama Lixaa yeroo Raashiyaa moggaatti qoodanii jiranitti, mootummaan keenya hariiroo daldalaa biyyotoa lamaan gidduu cimsuu fedha, jedhan.
Xiinxaltooonni akka jedhanitti, Zayita boba’aa, zayita nyaataa fi qamadii Raashiyaa irraa galfachuu barbaaddi. Hariiroo n biyyoota lameen gidduu kan ilaalcha siyaasaa irratti hundaa’ee fi seenaa baroota dheeraa qabu tahuullee dubbatu.