Kanneen mana hidhaa jiran miseensonni koree hojii raawwachiistuu Adda Bilisummaa Oromoo fi miseensi koree giddu-galeessa paartichaa tokko haalaan dhukkubsatanii, wal’aansa argachaa hin jiran, jechuun abukaatoon isaanii ibsaniiru.
Miseensonni koree hoji raawwachistuu ABO obbo Mikaa'el Booran fi Obbo Abdii Raggaasaa, akkasumas miseensi koree giddu-galeessaa paartichaa obbo Kennasaa Ayyaanaa mana hidhaa Qaajelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuu keessatti dhukkubsataa akka jiran Sagalee Ameerikaatti himan – Abukaatoon isaanii Obbo Tuulii Baayisaa.