Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koreen Seenetii Yunaayitid Isteetis Nyaata Akka Meeshaa Waraanaatti Fayyadamuu Baleeleffate 


Wajjira mana maree Yunaaytid Isteets, Kaaiptool Hiil, Waashingitan Diisii
Wajjira mana maree Yunaaytid Isteets, Kaaiptool Hiil, Waashingitan Diisii

Koreen Mana-maree murtii seeraa Yunaayitid Isteetis nyaata akka meeshaa waraanaatti fayyadamu balaaleffachuudhaan, yaada murtii dabarsee jira.

Dhabamuu wabii nyaataaf sababaan walitti bu’insa tahuu isaas, Koreen kun jalqaba irraa hubachiisee jira.

Deggersa paartiilee Yunaayitid Isteetis lameenii kan argate yaada murtii kana wixinuu fi mari’achuutti kanneen hirmaatan keessaa gargaaraa hoogganaan koree sanaa Senaatarri “South Dakota” Jima Raayich, biyyoota akka Itiyoophiyaa, Sudaan Kibbaa, Sooriyaa fi Yemen keessatti humnoonni wal-waraanaa jiran, caasaalee maddeen galii fi bu’aalee isaanii beekaa akka barbadeessan, gabaalee tasgabii akka dhorkatan, dhaabbatoota fi hojjetoota gargaarsaa danqaalee akka uuman dubbatan.

“Kana gochuudhaanis uummata siivilii irratti xiyyeeffachuun, rakkoo beelaa uumu” jedhan Raayish.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG