Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Gimbii keessatti haleellaa hidhattootaan lammiilee nagaarratti raawwatame jedhameen, miseensota maatii isaanii 5 dhabuu namni dubbatan, "mootummaan tarkaanfii cimaa fudhachuu qaba" jechuun gaafatan.
Afa-yaa’iin Mana Maree Bakka-bu’oota Itoophiyaa, Obbo Taaggasa Caafoo, Naannoo Gaambellaa fi Godina Wallagga Lixaa keessatti namoota meeshaa waraanaa hin hidhatin irratti badiiwwan raawwataman akka qorataniif gareewwan lama bobbaasuun himamee jira
Gama biraan, Godina Wallagga lixaa, aanaa Gimbii keessatti haleellaa torban darbeen namoota miidhaman ka gargaaraa jiru tahuu Buusaa Gonofaan godinichaa beeksisee jira. Waajjirri Bulchiinsaa fi Nageenyaa godinichaa gama isaatiin, akka haleellaan kun raawwatamu namoota ergaa dabarsan, jedhee shakke hidhuu isaadubbata.