Qajeelcha poolisii magaalaa Buraayyuutti hidhamanii kan jiran hogganoonni ABO mana hidhaatii akka bahan manni murtii magaalaa Buraayyuu murteessera jechuun gareen abukaatoota hidhamtootaa sanaa ibsaniiru.
Garee abukaatoota hidhamtoota keessaa tokko ka tahan oolmaa dhaddacha har’aa kan hordofan Damisee Fiqaaduu Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti murtriin kun oolmaa dhaddacha mana-murtii adoolessa 8 bara 2014 ooleen irratti eega abbaan alangaa waliigalaa Oromiyaa dhiyaatee dhimma hidhamtoota kanneenii ibsa kennee booda kan murame tabuun beekamee jira.
Forum