Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maalii Keessatti Har’a Walitti-dhukaasne Ka’ee Ture  


Magaalaa maalii kiiloomeetirii 15 magaalaa guditii biyyatti irraa fagaateee argamatu Kaatii keessatti jimaataa har’aa ganama dhukaasinii qawwee fi dhodhoohinsii adda addaa dhagamuu isaa gabasinii Anni Rismbrege irraa Baamakoodhaa VOA dhaaf ergame ebeeksisee jira.

Dhimaa kana irratti karaa fuula Tiwutariitin kan ibsaa keenne waraanii malii, haleellaan shororkeesitootaa akka raawwate ibsee boobiin konkola’tootaa lamma irratti fe’amee dhodhoohuu isaa beeksisee jira.

Gabaasaan VOA Lamiisaa Sagaaree Kaatii irraa akka lakkoofsa biyyaatti barii keessaa Saa’tii 11 fi walakkaa dhoohinsii gurguddana laamaa fi dhukaasin qawwee hirbaa namaa damaqase amma daqiiqaa 30 dhagahamaa erga turee booda halli deebi’ee tasgabaa’uu isaa fi ergaa dhukaasichii raawatee as helekoopteroonii waraanaa qileensaa irraati akka mulachaa turan ibseera.

Ji’a Waxabajjii darbe buufata poolisii magaalaa Bamakoo irraa kiiloomeetirii 130 fagaatee argamuu irratti haleellaan raawwachuu isaa fi torban darbee immoo bakka Baamakoo irraa Kiiloomeetrii 70 fagaatu Zaantiguila keessatti haleellaa raawwatameen namoonni ja’a ajjefamuun isaanii akkasumaas kamisaa kaleessaa mooraa umna farra shororkeesumaa Bammakoo irraa Kiiloomeetrii 120 fagaatee jiru Kolokanii bakka jedhamuu irratii haleellaan raawwatamuun isaa gabaa sameeraa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG