Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Konsoo Keessatti Jiraattonni Sababaa Hongeen Rakkatan Gargaarsa Gahaa Hin Arganne Jedhu 


Naannoo Koonsoo
Naannoo Koonsoo

Naanoo bulchiinsaa Sabaa fi sab- lammii kibba Itiyoophiyaa Godina konsoo kessatti namoonni balaa hongeetiin miidhaman gargaarsa gahaa argaachaa akka hin jirre sagalee Amerikaatti himuu isaanii gabasinii Yoonataan Zebidiyoos Hawaasaa irraa qindeesse ibsee jira.

Itti gaafatamaa hoggansa ittisa balaa zooniichaa obbo Geedennoo Kaawitaa waabefachuudhaan gabaasinni Yoonaatan Zebdiyoos kun akka jedhetti yeroo amma namoonii kuma 100 fi kuma 90 ta’an gargaarsaa atattamaa kan barbaadan ta’us amma ammatii gargaarsii argamuu danda’e dhibeentaa 30 qopfa.

Rakkina hongee Kanaan walqabatee namoonni 400 ta’an dhukubsatanii hospiitaalaa seenuudhaan waldhaanamuu isaanii fi daa’immaan Saddeet du’uu isaanii haanga’onni Hospitaala Kaaraat ibsuu isaanii fi bulchaan Zoonichaa obbo Daawit Gebeyyehu sababa balaa Kanaatiin namoonii du’an jiraachuu isaaniif mootummaan akka odeeffannoo hin qabne himuu isaanii gabaasnii Yoonaataa Zebdiyoos ibsiira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG