Itiyoophiyaa keessatti keessummaa bulchiisota naannoo keessatti rakkoon murtii mana-murtii kabajuu dhabuu fi hojii irra oolchuu dhabuu mul’ataa jiru, akka uummatni sirna murtii haqaa irratti amantaa hin qabaanne kan taasisu waan taheef gochaa sirreessamuu qabu tahuu Prezidaantiin Mana-murtii Waliigalaa Itiyoophiyaa – Me’aazaa Ashennaafii hubachiisan. Sanas tahee garuu, walabummaa manneen murtii fi bilisummaa abbboota urtii ilaalchisee ka duraanii irraa fooyyaa’iinni jiraachuu dubbatanii jiru.
Prezidaantiin Mana-murtii Walii-galaa Itiyoophiyaa – Me’aazaa Ashennaafii fi itti-aantota isaanii waliin har’a magaalaa Finfinneetti ibsa maddeen oduuf kennan irratti gaaffiilee hedduu dhimmoota kana ilaalchisee gaazzexeessota irraa dhihaataniif ennaa deebii kennanitti ture.
Forum