Kaawunsiliin jaarmayoota hawaasa sivilii kan Itiyoophiyaa fi manni marii waltaatoota paartilee siyaasa Itiyophiyaa marii waliigalaa biyyooleessaa gaggeeffamuuf jiru kan ilaaleen har’a marii gaggeessanii jiru.
Qindeessitonni RSAf akka ibsanti, hawaasnii sivilii fi paartileen siyaasaa marii guutuu biyyaa gaggeeffamuuf karoorfame keessatti, qooda qabaatan ilaalchisee gad fageenyaan mari’achuuf ta’u ibsan.
Kaawunsiliin kun lameen baatii Waxabajjii dabree ture dhimmootii yeroo kan biyyatti irratti walii wajjiin hojjachuuf kan walii mallatteessan.Itiyophiyaan komiishiina marii guutuu biyyaa waggaa kana keessa kan hundeessite yoo ta’u kunis kanneen biyya keessaa irratti hirmaachuun falmii jiran mara irratti dubbachuuf carraa banuuf yaadamee tu.
Forum