Eega Yukireen keessatti waraansi jalqbamee, uummata biyyattii miliyoona ja’a caalaa tu lubbuu isaanii oolfachuu manaa fi qehee ofii gad-lakkisee baqachuuf dirqame. Kanneen keessaa wallistuu muuziqaa gosa “Pop” beekamtuu biyyattii, naannoo Kirimiyaa irraa baqatte ka Jamala jedhamtu. Jamalaan si’a lama mana ishee dhabde. Tokko bara 2014, ennaa humnoonni Kirimiyaa Ukireen harkaa baafatan ture.
Lammaffaan immoo amma ennaa humnoonni Raashitaa Yukireen irratti haleellaa banani. Yeroo ammaa kana Jamaalaan humna ogummaa ishee beekamaatti isheetti fayyadamuudhaan Ukireeniin horii gargaarsaa walitti-qabaa jirti. Gabaasana Miyrooslaavaa Gongaaadze kunoo ti.
Forum