Koomishinni Mirga namoomaa Itiyoophiyaa har’a gabaasaa baaseen, bulchiinsa naannoo Oromiyaa, godinaa Horroo Guduruu Wallaggaa, aangaa Amuruu keessatti akka bar-lakkoobsa Itiyoophiyaatti Hagayya 23 hanga 25, bara 2014tti humnoota hidhataniin haleellaalee geggeessamaniin jiraattonni hedduun ajjeesamuu fi madeessamuu, akkasumas kanneen kuma 20 ol tahan buqqa’anii magaalaa guddoo aanaa Amuruu, Oborraatti baqachuu beeksisee jira.
Gama biraatiin paartiileen mormitootaa lama – Addi Bilisummaa Oromoo fi Koongiresiin Federaalawa Oromoo, ibsa baasaniin, ajjeechaa jumlaa godinaa Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti lammiilee irratti raaw’atame kana balaaleffatanii jiran. Kan mootummaan “Shanee” jechuun waamu, Waraanni Bilisummaa Oromoos ajjeechaa kana balaaleffachuun akka gochaa kanatti hidhata tokkollee hin qabbne ibsee jira.
Ajjeechaa aanaalee godinaa sana keessa jiran keessatti raaw’atame jedhaman kan ilaalchisee mootummaa Federaalaa eegalee, kanneen sadarkaa adda addaa irra jiran aangawoota mootummaa irraa deebii argachuun carraaqqiin Sagaleen Ameerikaa taasise ammaaf hin milkoofne. Tsahaay Daamxoo, Finfinnee irraa gabaasaa qabdi.
Forum