Naannoo Gaambellaa keessatti rooba cimaa baatii Hagayyaafi Qaammee keessa roobeen balaa lolaa hamaa uumameen lakkoofsi namoota qe’ee isaaniirraa buqqaasamanii kuma 100 fi kuma 87 ol tahuu mootummaan naannichaa beeksisee jira.
Itti gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii Naannoo Gaambellaa, Ugatuu Adiing ibsa Sagalee Ameerikaaf kennaniin uummata Gaambellaa keessa jiraatan keessaa dhibbantaa 50 kanneen tahan, sababaa balaa lolaa kanaan qehee ofii irraa buqqa’uu beeksisanii, “Aanaa Laaree keessatti ammoo namootni sadii tu balaa kanaan du’e,” jedhan. Mootummaafi dhaabbatoonni miti-mootummaa buqqaatotaaf gargaarsi kennaan jiran gahaa akka hin ta’iinii fi tumsi daran kennamuu akka qabu hubachiisan.
Forum