Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaa Keessatii Dho’insa Boombiin Namoonnii 21 Ajjeefaman


Faayilii- Dho'iinsi Somaliya keessaa lubbuu galaafate 10-19 22
Faayilii- Dho'iinsi Somaliya keessaa lubbuu galaafate 10-19 22

Kutaa biyyaa Somaaliyaa Hirshabelee keessatti Roobii kaleessaa balaa boombii qaqqabe lamaan yoo yaratee namoonii 21 akka du’an haanga’oonii himuun isaanii gabaasameeraa. Balaan kun kan qaqqabee magaalaa Jalalaqsii keessaa bakkaa kellaa sakatta’insii itti raawwatamu yemuu ta’uu, naannoo sanatti buufataa waraanaa naga eegdotaa gamtaa Afrikaa Jibutii irraa dhaqaniifi bakka gamoon bulchiinsaa mootummaa naannoo itti argamuu akka ta’e itti aanaan Komishineerii anaa Jalalaqsii Miiree Huseen Siyaad VOA ti himaniiru.

Doohisaa boombii konkola’ataa irraa raawwatee Kanaan hogaantootaa Siviilaa lamaa, kantiibaa Adan Mohaamed Isee fii komishineerii anichaa Mohaamed Nur Agajoor dabalatee namoonii 15 ajjeefamuun isaanii ibsameeraa. Balaa Kanaan miseensonni waraanaa naga eegdotaa gamtaa Afrikaa lamas madaa’un isaanii gabaasameera.

Namoonni biro Jaha immoo kan du’an balaa riqichaa kaabaa fi kibbaa Somaaliyaa waltii fiduu isa magaala Bulobardee keessatii argamu irratii akka ta’e beekameeraa. Komishineeriin anaa Buloobaardee Ahmed Mahad Nuur akka VOA afaan Somaaliyaatti himanitti haleellaa sana kan raawwatan namoottan Saayikilii mootooraa fayyadaman lama.

Haleelaa lamman raawataman kanaaf gareen hidhatootaa Al Shabaab itti gaafatamummaa fudhachuun isaa gabaasameeraa.

Waraanni mootummaa fi hidhattoonni naanoo loltootaa Al Shabaab Naannoo kibba-lixaa Hirshebele, Galmuudug fi kutaa jubbaalaand keessatti argaman irratti torban dhufan keessaatti duulaa taasisuudhaaf qophii akka xumuran dubbii himaan waraana Somaaliyaa Jeeneraal Abdulaahii Alii Anood qibxataa dheengaddaa ibsuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG