Kooriyaan Kaabaa Roobii har’aa misaa’elootaa hedduu dhukaastee keesaa Sadana isaanii karaa daangaa Kooriyaa kibbaatii kan furgugaa’an ta’uun isaa kooriyaa kibbaa keessatti akka ergaan of eeggannoo televijiiniidhaan akka darbuu fi bakkeewwan daangaa biyyoottan lammanni irraa jiranitti immoo sagaleen ykn saayireniin yemmuu haleellaan qileensaa irraa umamu iyee nama damaqisu akka dhagesisamuu taasisee jira.
Akka haanga’onni kooriyaa kibbaa jedhanitii ganama har’aa misaa’lootaa baalaastikii garaa daangaa biyyaa isaanitti dhukaasaman keessaa tokkoo xumulaa sarara kaaba galaana lexaa keessatti kan kufe.
Kooriyaan kaabaa wagga kana misaa’eloota 50 kan dhukaastee yemmuu ta’u, akka ammaa daangaa koriyaa kibbaatti dhihaatee yemmuu lafaa bu’uu kan jalqabaa ta’uu isaa kan ibsan haanga’an waraan koriyaa kibbaa , gochaa sanaaf waraanii isaanii akka deebii kennu ibsuun isaanii gabaasameera.
Muummeen minstiraa Jaappaan Fuumiyoo Kishiidaa dhukaasa misaa’elichaa ilaalchisee deebii kennanni “tasumaa waan eeyyamamuu hin qabneedhaa” jechuun isaanii gabaasameera.
Qibxata kaleessaa yaaddoo kooriyaan kibbaa qabdu ilaalchisuudhaan ibsa kan kennaan dubbi himaan minsteeraa dhimma alaa YunaayitidIsteets Niid Piraayis, shaakaliin waraanaa naannoo sanatti taasifamu kaayyoon isaa ittisa qofaa akka ta’ee himanii soda kooriyaa kaabaa fudhatamaa dhabisiisaniru. Jaappan , kooriyaan kibbaa fi Yunaayitid Isteets shaakalii waraanaa galanaa irratti taasisuudhaaf akka karoorfatan gabaasamuun isaa ni yaadatama.
Forum