Sambataa dheengaddaa waligaltee galaanaa gurrachaa irraan midhaan nyaataa Yuukreen iraa gara biyyoottan adda addaatti fe’uudhaaf taasifamee keessaa bahuu ishee kan ibsitee Raashaan, waligaltichaatti deebi’uu ishee Roobii har’aa beek siftee jirti.
Raashaan kan waligaltee sana keessaa bahu ishee ibsite mootummaan Yuukreen xiyyaaraa waraanaa nam-malee ykn dirooniidhaan dooniwwan Raashaa galaanaa gurrachaa irra jiran irratti haleella ergaa raawwatte booda.
Ministeerri ittisaa Raashaa har’a ibsaa baaseen, haleellaan sun akka deebi’ee hin raawwantine wabiin waan argameef mootumaan feedereshiinii Raashaa waliigaltee sanatii deebi’u isaa beeksisee jira.
Yaalii Dhaabanni mootumootaa gamtoomanii fi mootumaan Tarkii taasisaniin Yuukreen akka omisha qamadii , Raashaan immoo Xaa’oo akka biyyaa alaatti erganii rakkinaa midhaan nyaataa adduunyaa muudatee furuun akka danda’amu ji’a Adoolesaa darbee keessaa waliigaltee irra gahamuun isaa ni beekama.
Prezidaantin Yuukreen Volodimiir Zelensikii ibsaa kaleessa galgala kennaniin karaan fe’istii midhaanii itti taasifamuu sun eeguumsaa amansiisaadhaaf kan yeroo dheeraa akka isa barbaachisu dubbataniiruu.
Haaluma walqabateen, minsteerii ittisaa Yunaayitd isteets Peentaagoon meshaa waraanaa irratti waltidhufeenyi Raashaa fi Iraan gidduu jiruu akka isaa yaaddese qibxata kaleessaa ibsuun isaa gabasameera.
Raashaan diroonotaa Iraan keessati hojjataman fayyadamuudhaan Yuukreen irratti haleellaa raawwateetti kan jedhan haanga’onii ittisaa Yunaayitid Isteets, Raashaan Misaa’elootaa lafa irraa dhuukaasaman Iraan irraa fudhaachuu hin ooltuu shakii jedhu akka qabanis ibsanii jiru.
Dhaabbanni miidiyaa CNN jedhamu misaa’elootaa laffa irraa dhukaasaman, misaa’elaa Baalastikii fageenya gabaabaa fi diroonotaa balleesanii badan dabalatee meeshaalee waraanaa 1000 ta’an Iraan dabalataan Raashaadhaaf erguudhaaf akka qophooftee jirtu ibsuun isaa gabaasamera.
Forum