Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoottan Olla Ugaandaa Dhibee Iboolaa Irraa Akka Of Eeggatan Jarmayaan Fayyaa Addunyaa Hubachiise


Faayilii- Doktoroonni Bakka Dhukkubsattoonni dhibee Iboolaan Qabaman Jechuun Shakkaman Keessatti ennaa deggersa kennan Mubende, Uganda, Onkoloolessa 27, 2022.
Faayilii- Doktoroonni Bakka Dhukkubsattoonni dhibee Iboolaan Qabaman Jechuun Shakkaman Keessatti ennaa deggersa kennan Mubende, Uganda, Onkoloolessa 27, 2022.

Dhibeen Iboolaa Yugaanda keessati baballachaa adeemaa jiruu ergaa magaalaa gudditii biyyatii Kampaalaa keessatti argamee boodaa biyyoottan olaa ugaandaa akka of eegannoo cimaa taasisan Dhaabbanii fayyaa adduunyaa WHOn hubachiisee jira.

Daarekteerii WHO Tewodiroos Adihaanoom ibsaa gaazexessootaaf kennaniin akka jedhaniiti erga Vaayiresichii magaalaa kampaalaa keessatti mul’achuun isaa baramee as namoota 17 irratii Vaayiresichi argamuu isaa himaniiru.

Dhukkubichi magaalaota namooni heddumatanii keessaa jiranitti argameeraa jechuun carraa inni ariitii dhaan nama irraa namatti darbus bal’aa akka ta’e kan dubbatan Dr Tewodiroos Adhaanoom, anaaleenii fi biyyoottan naannoo Ugaandaa hatattamaan of qopheesuun isaanii barbaachisaa akka ta’ee ibsaniiru.

Jarmayan fayyaa adduunyaa WHOn gargaarsaa yeroo muddamaa Kanaan duraa ramade doolaaraa miiliiyoonii Shan irratti dabaluu dhaan Kibxata dheengaddaa doolaaraa Miiliyoonii 5.7 ramaduu isaa Dr. Tewodiroos ibsuun isaanii beekameera.

Vayiresiin Iboolaa akaakuu Sudaan jedahmee beekamuu Yugaandaa keessatii argamuu isaa ergaa ministeerii fayyaa biyyatii Fulbaanaa 20 bara 2022 beeksisee as namoonii 150 vaayiresichaan qabamanii namonii 64 immoo du’uu isaanii WHOn ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG