Bulchiisa naannoo Oromiyaa, godinaa Wallagga Bahaa, aanaa Kiiramuu keessattii hidhattoonni Jimaata dabre kana haleellaa raaw’ataniin namoota nagaa fi humnoota naga-eegumsaa mootummaa ajjeesan, jechuun kanneen jiraattota bakka sanaa tahuu dubbatan Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran. Haaluma wal fakkaatuun, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa, Jaartee, Magaalaa Aliiboo keessatti, torbee darbe hidhattoonni "finxaaleyyii Amaaraa" ta'an "namoota hedduu ajjeesaniiru; Manaa fi qabeenyallee gubaniiru," jedhu namni naannoo sanarraa buqqa'anii magaalaa Shaambuu keessa akka jiran dubbatan tokko.
Forum