Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti biiroon gargaarsa namoomaa, ammas dhibeen koleeraa naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti lubbuu namaa galaafataa akka jiru beeksisee jira.
Biiroon sun ibsa kaleessa baaseen haga ammaatti dhibeen kun lubbuu namoota 20 galaafachuu fi kana booda babal’achuu akka malullee dubbate.
Gama biraan rakkoo nageenyaa lixa Oromiyaa keessa tureen wal-qabatee, keessumaa Wallagga Lixaa keessatti dhibeen gifiraa babal’achuu fi daa’imman galaafachuu jiraattonni fi ogeeyyiin fayyaa himanii jiru.
Forum