Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yukreeniin Gargaaruu Qabna: Hogganaa Neetoo


FAAYII - Jeneeraalota Yukireen, Yunaaytid Isteets fi walgahii NATO irratti ,ONK. 12, 2022
FAAYII - Jeneeraalota Yukireen, Yunaaytid Isteets fi walgahii NATO irratti ,ONK. 12, 2022

Walgahii ministeerota dhimma alaa Neetoo kan Rumaaniyaa keessatti geggeeffame irraa dhaamsii dhufu, Yukireen bu’uuraalee misoomaa ishee miidhaman akka suphuuf gargaaruu akkasumas Yukireen haleellaa qilleensaa Raashiyaa qolachuuf ittisa dabalataa akka argattu gargaaruu irratti michoonni hundi caalaatti hojjechuu akka qaban ni eega jechuun Barreessaan dureen Neetoo(NATO )Jeens Stolanbarg Kibxata kaleessaa dubbatan.

Mariin guyyoota lamaaf Bukaareest keessatti jalqabamu dura stolen barg oduu gabaastotaaf akka ibsanti, Yukireen waan haleellaan misaa’ela Raashiyaa barbadeesse deebiftee ijaaruuf “hojii guddaa” akka ishee mudate ibsan.

Jenereetarootaa fi qaama meeshaalee gargaarsaan dhaqqabsiifnee jirra, michoonni ishee, bu'uuraalee misoomaa barbadaa'an deebisanii ijaaruuf gargaaraa jiru,'' jedhan Stolanbarg.

Hogganaan Neetoo kun akka jedhanitti, Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutiin weerara biyyi isaanii Yukireen irratti gaggeesiteen, kufaatii isaan mudateef deebii kennuudhaan lammiilee Yukireen bishaan, human eleektrikaa fi ho’a dhabsiisuuf yaaluun ibsan jedhan.

Waan nutii Yukreeniin gargaaruu feenuuf jedhan stolan barg, kan argaa jirru, Pirezidaanti Puutiin yeroo qorraa fi cabbie kana akka meeshaa waraanaatti fayyadamuuf yaalaa jiraachuu isaaniiti, kunis ummata Yukireen irratti gidiraa guddaa fidaa waan jiruuf jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG