Koongiresiin Federaalawa Oromoo rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessatti mul’ataa jiruuf, mootummaan hatattamaan furmaata tolchuu qaba, jechuun gaafatee jira.
Dura-taa’aan paartichaa Profeesar Mararaa Guddinaa ibsa har’a gaazzexeessotaaf kennaniin, “keessumaa godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Walllaggaa keessatti ajjeechaa fi buqqaasuun lammiwwan nagaa akka dhaabatu gochuuu, hidhattoonni naannoolee ollaa irraa gara Oromiyaatti seenan akka ba’an taasisuu fi humna hidhataa naannicha keessa maqaa Oromootiin socho’u waliinmarii araaraa deemsisuu barbaachisa,” jedhan.
Naannihcha keessattis tahe biyyattii keessatti nageenya waaraa buusuuf, mootummaan nageenya uummataa qabas, jedhan – Profeesar Mararaan.
Forum