Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministeerri Bishaanii fi Enarjii kan Itiyoophiyaa Ibsa Kennee Jira 


Kaampii magaala Shiree keessatti bishaan namoonni jeerikaanitti waraabbatan, Waxabajjii 11, 2021.
Kaampii magaala Shiree keessatti bishaan namoonni jeerikaanitti waraabbatan, Waxabajjii 11, 2021.

Ministeerri Bishaanii fi Enarjii kan Itiyoophiyaa akka beeksisetti waraanni biyyatti gama kaaba keessatti gaggeeffame bu’uuraalee bishaanii qarshii biiliyoona 3.2 baasiisan irratti miidhaa geessisee Jira.

Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Habtaamuu Ittafaa RSAf akka himanitti, waraanni kun bu'uuraalee bishaanii kan bulchiinsa naannoo Tigraay, Affaar, fi Amaaraa irratti miidhaa dhaqqabsisee jira

Michoota sadarkaa addunyaa waliin ta’uun ministeerichi hojiiwwan deebisanii dhaabuu yeroo gabaabaa fi dheeraa keessatti hojjetamuu qaban adda baasuu isaa ibsan.

Jiraattonni magaalaa Shireenaa akka jedhantti, sababa hanqina bishaaniitiin rakkachaa jiraachuu ibsan. Jiraattonni kunneen akka jedhanitti boolla kuusaa bishaanii cabe keessaa tokko qofti suphamee jira. Jiraattonni magaalaa Tekems tasuma bishaan akka hin arganne ta’u dubbatu.

Waliigaltee nagaa tolfamee hordofuun ministeerichi meeshaalee tajaajiila bishaanii Tigraay keessaitti argaman kunuunsuu eegaluu isaa Gabra Mikaa’eel Gabra Madhin Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG