Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kongoo Keessatti Dhukaasa Dhaabiinsii Akka Ta’u Gaafatame


Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo gama bahaa keessatti dhukaasa hatattamaa akka dhaabbatu hoggantoonni biyyoota Afrikaa bahaa Sambata darbe gaafatanii jiru.

Kanas walgahii addaa waldhabdee ka’aa jiru kana karaa itti tasgabbeessuun danda’amu irraatti walgahii waamame irratti kana jedhan.

Mariin kun Burundiitti kan qopheesse Hawaasa biyyoota torba of keessaa qabu kan Afrikaa Bahaa yoo ta’u, lola biyya bal’aa giddu galeessa Afrikaa keessatti gaggeeffamaa jiru xumuruuf tattaaffii jiddu-seensaa gaggeeffamu hoogganaa jira.

Gareen finciltootaa deebi’ee ka’aa jiru M-23 jedhamuun beekamubiyyatti bahaa keessatti lafa bal’aa albuudaan badhaatee fudhatee, wal waraaaansii itti fufee jira.

Kunis bara darbe baatii Adooleessa keessa magaalaa galma mootummaa Angoolaatti humni hawaasa Afrikaa Bahaa baatii Sadaasa dabree bobbaafamee nagaan akka bu’u erga walii galamee booda lola itti fufee jira.

Hoggantoonni biyyoota yaa'ii kana booda ibsa kennaniin ''qaamonni hundaa hatattamaan dhukaasa dhaabuu'' fi gareewwan biyya alaa dabalatee gareewwan hidhatan hundi akka ba'an gaafatan.

Hoggantoonni raayyaa ittisa biyyaa torban tokko keessatti walga'uun yeroo itti gamasii ba'an akka lafa kaa'an qajeelfama kan kennan yoo ta'u, marii cimaan qaamolee hunda gidduutti taasifamuun barbaachisaa ta'uu' ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG