Wal dhabdeen mana amantaa Ortodokiisii Itoophiyaa keessatti dhiyeenya muudate mariidhaan furamuu abbootiin amantii garee lameenii ibsa waloo kaleessa baasaanin beeksisaniiru.
Paatiraarikiin mana amantaa ortodoksii Itoophiyaa Abunee Maatiyaas “rakkoon muudachuu mala mariin furuun ammoo ogummaa dha,” jechuun ibsan. Muummeen ministira Itoophiyaa Abyi Ahmad waldhabdeen kun marii furamuutti gammachuu akka qaban ibsuun, ammaa booda wantoota irratti waliigalame hoijiitti hiikuu fi gara fuuldurattis waantoota akka hanqinatti mul'atan yoo jiraatanis mariin furuun barbaachisaa akka tahe dubbatan.
Forum