Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa, Naannoo oromiyaa Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Aannoo keessatti Amajji 25 bara 2015 haleellaa hidhattootaan raawwatameen yoo xiqqaate namootni nagaa 50 tahan ajjeesamanuu qorannaan taasiseen hubadheen jira, jedha.
Komishinichi gaafuma sana humnootni naga-egumsaa mootummaa, warra “haleellaa raawwate deggertan” jechuun, dargaggoota 8 ajjeesuu isaaniis qorannoo taasiseen mirkaneeffachuu itti dabaluun ibseera.
Mootummaan nageenya lammiilee nagaa eegsisuuf, hatattamaan akka furmaata gama nagaa barbaadullee hubachiiseera, komishinichi.
Komishinichi Mootummaa fi maatiin miidhamtootaa, haleellaa kana raawwachuun kan namoota nagaa ajjeese, “Shanee” dha haa jedhan malee, gurmuun riphxe-loltoota kanneenii garuu “Namoota hidhatan maee, lammiilee nagaarratti haleellaa hin raawwanne” jedhe.
Forum