Xurree ittiin seenan

Breaking News

Reeffi Taphataa Kubbaa Milaa  Gaanaa Kiristaan Atsu Dilbata kaleessaa Akraatti geeffame


Geggeessa reefa Kiristiyaan Atsuu, Akraa,Gaanaa Guraadhala 19, 2023.
Geggeessa reefa Kiristiyaan Atsuu, Akraa,Gaanaa Guraadhala 19, 2023.

Kiristiyaan Atsuu erga balaan sochii lafaa Guraandhala 6 mudatee booda eessa buteen isaa kan dhabamee yoo ta’u, gamoo mana jireenyaa isaa isa Hatay jedhamu jiguu hordofee reeffii isaa kun argame. Umuriin isaa waggaa 31 ture.

Alaabaa biyyoolessaa Gaanaatiin kan aguugamee saanduqii reeffa isaa baatu, buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Akraa Kotoko keessatti itti aanaa pirezidaantii biyyatti, Mahamudu Bawumia fi hiriira waraanaa guddaan simatame.

FAAYILII- Kiristiyaan Atsuu Newkaastil Yunaaytidiif yeroo tabataa ture, Amajjii 12, 2019.
FAAYILII- Kiristiyaan Atsuu Newkaastil Yunaaytidiif yeroo tabataa ture, Amajjii 12, 2019.

Taphataan kubbaa milaa kun sochiin lafaa kun uumamuu sa'aatii muraasa dura, Tarkii kibbaa keessaa balali'ee ba'uuf beellama qaba ture. Garuu leenjisaan Hatayspor Jimaata darbe akka jedhetti lammiin Gaanaa kun tapha Fulbaana 5 Super Lig irratti goolii injifannoo erga galchee booda kilabicha waliin turuu filate.

Atsu Gaanaaf taphoota 65 injifachuu isheef akkasumas tapha xumuraa waancaa Afrikaa bara 2015 akka gahan kan gargaare yoo ta'u, yeroo sana sa’atiin taphaaf kennamee eega xumuramee booda, dhiittaa adabbii kennameen Ivoorii Koostiin mo'aman. Yeroo dhumaaf bara 2019 Gaanaaf taphachuuf filatamee ture.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 29:59 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG