Naannoo Oromiyaa godinaalee Qeellam Wallaggaa fi Godina Wallaggaa Lixaa keessa kanneen aanaalee adda addaa keessatti barsiisonni 800 ol ta’an baatii Amajjii irraa eegalee miindaan akka hin kaffalamiiniif himataa jiru. Kanneen keessaa barsiisaan Sagaleen Ameerikaa dubbise, isa dabalatee barsiisonni kaan garee hidhattootaa Waraana Bilisummaa Oromoo ka Mootummaan “Shanee” jedhu waliin hidhata qabdu, jedhamanii akka miindaa dhorkaman dubbata.
Biiroon Barnoota Naannoo Oromiyaa waa’ee kanaa gaafataee Qeellam wallagaatti gumaacha misoomaan wal-qabaatee mindaan barsiisota murasaa hin kanfalamiin akka jiru eeranii, rakkoo kana furuuf akka hojjetamaa jiru, Sagalee Ameerikaatti hime.
Forum