Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa hooggantoota Adda Bilisummaa Oromoo naannoo Oromiyaa Qajeelchaa Poolisii Buraayyuutti hidhamanii jiran akka hiikaman gaafatee jira.
Hooggantoota kana keessaa miseensi koree giddu galeessaa paartichaa obbo Kennasaa Ayyaanaa fi hoogganaa olaanaan siyaasaa Daawit Abdataa akka malee dhukkubsatanii akka jiran abukaatoon isaanii Sagalee Ameerikaatti himaniiru. ABO'n gama isaan hidhamtoonni kunneen haala gahaa ta’een hin tajaajilamne, wal’aansa gahaas hin arganne, jedha.
Forum