Bara barnootaa darbe - ALItti bara 2014 - qormaata kutaa 12ffaa biyyoolessaa kenname barattoonni lakkoofsa rikardii ta’e erga kufanii booda, Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa barattoota qabxii walakkaadhaa gadi galmeessaan ulaagaa ministirichaan ibsame guutanif sagantaa fooyya’insa dandeetti (remedial) jedhamu ifa godheera.
Karaa biraatiin barattoonni kanatti himaachuu in dandeenyeefii qabxii manneen barbootaa dhuunfaa seenuu isaan dandeechisu qaban ibsa eggachaa, waan isaaniif ta'u barbaadachaa jiran. Maatiin immoo qaala’insa jireenyaatiin wal-qabatee kaffallttii manneen barnootaa dhunfaa danda'uu fi dhiisuu isaanii madaalaa yaaddoo keessa jiraachuu dubbatan. Qophiin Labata harraa kanaratti xiyyeeffate.
Forum