Waldaan Hakiimota Oromiyaa Hoongeen Booranatti mudate fayyaa ummataa gama hedduun kan miidhe ta’uu beeksisee jira. Dhiyeenya kana miseensonni waldichaa tajaajila fayyaa kennuuf garasitti kan imale yoo tahu, baasii qarshii kuma dhibba lamaa oliitiin yaala fayyaa adda addaa namoota dhibba jahaa oliif kennuus Dooktor Mullataa Bakfannee Wayyeessaa, Hospitaala Adaamaatti ogeessi waldhaana baqaqsanii yaaluu fi miseensi garee waldaa Hakiimota Oromiyaa VOA’f himanii jiran. Dooktor Mullataan keessumaa daayimmanii fi namoonni uumriin deeman hoongee kanaan miidhamuu dubbatanii, bokkaa amma roobeen wal-qabatees ummatni hongeen miidhe kun dhibee daddarbaaf akka hin saaxilamne eeggannoon akka taasifamu akeekkachiisanii jiran. Waajjirri Eegumsa Fayyaa Godina Booranaa eeggannoon taasifamaa jira, jedha.
Forum