Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Garee Hidhattootaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliin Marii Eegaluuf Koree Hundeessee Ka Hojjetaa Jiru Tahuu Dubbate


Mootummaan Itiyoophiyaa Garee Hidhattootaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliin Marii Eegaluuf Koree Hundeessee Ka Hojjetaa Jiru Tahuu Dubbate
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:32 0:00

Mootummaan Itoophiyaa hidhattoota "Shanee" jedhee waamu, garee riphxee-loltootaa Waraana Bilisummaa Oromoo ofiin jedhu waliin marii eegaluuf koree hundeessee kan hojjetaa jiru tahuu himee jira.

Muummeen Minisitiraa Itoophiyaa Abiyyi Ahimad har'a paarlaamaa biyyattti irratti gaaffii miseensa paarlaamaa biyyattiif deebii kennaniin “mootummaan garee hidhattootaa kana waliin dubbachuudhaaf murteessee gara baatiilee lamaa gidduutti gara si’a kudhanii yaalii godhee jira.

Garuu, gareen kun gaaddisa tokko jalatti kan ijaarame waan hin ta’iiniif haga ammaa itti milkoofne” jedhan. Dhimma mariin eegalamuurratti kan gaafataman dubbi himaan Waraana Bilisummaa Oromoo Idil-Addunyaa Odaa Tarbii ammoo “mootummaan marii WBO waliin eegale hin qabu.

Ji'oottan darban keessa waraana keenya qoqqooduuf gama mootummaa Itoophiyaan hojjetamaa ture,” jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG