Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa Keessatti Hiriirri Deggersaa fi Mormii Geggeessame


Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa Keessatti Hiriirri Deggersaa fi Mormii Geggeessame
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:23 0:00

Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa Keessatti Hiriirri Deggersaa fi Mormii Geggeessame

Yaadannoo waggaa 5ffaa Muummichi Ministeraa Abiyyi Ahimad gara aangootti dhufan ilaalchisuun naannoo Oromiyaa magaalota hedduutti hiriirri deeggarsaa kan geggeeffame yoo ta'u, naannoo Amaaraa magaalota tokko tokkotti hiriirri mormii geggeeffameera. Naannolee lamaan irraa kanneen hirmaatan sababoota hiriira kana geggeessaniif dubbataniiru.

Dhimma kana irratti yaada isaanii kan kennan dura taa'aan Kongirasii Federaalistii Oromoo Piroofeesar Mararaa Gudinaa, "hiriirri naannolee lamaan keessatti gaggeeffamaa jiru adeemsa jijjiiramaa, kallattii egeree fi dhimmoota biroo hedduu irratti ammallee waliigalteen akka hin jirre agarsiisa" jedhan.

"Tasgabbiin siyaasaa marii irratti hundaa'e yoo hin jiraanne rakkoon hammaatee sadarkaa balaa guddaa irra gahuu mala" jechuun itti dabalan.

Itti aanaan dura taa'aa Paartii Dimookiraatawaa Hawaasummaa Itiyoophiyaa fi barreessituun Mana Maree Waliinii Paartilee Siyaasaa Doktar Raahl Baafee, "Hiriirri kun hayyoota fi anga'oota mootummaatiin kan qophaa'e yoo ta'u; biyyattiin dogoggora durii irraa barachuu baannaan gara rakkoo biraatti geessuu danda’a. Kanaaf furmaanni hatattamaa ni barbaachisa" jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG