Manni maree bakka bu’ota ummataa kan mootummaa Ityoophiyaa yaa’ii qibxata har’aa Ebla 4, 2023 taasiseen muudama presidaantota manna murtii olaanaa feederaalaa raggaasisee jira.
Manni maree bakka bu’ootaa nama prezidaantummaa mana murittii olaanaa feederaalaatiif mumicha ministiraa Abiyi Ahimediin filataman Leelisee Desaaleny muudaama isaanii kan fudhatee yemmuu ta’u, muudamaa itti aantuu prezidaanti mana murtichaa Zahaaraa Umar Aliis raggaasisee jira.
Kanaan duraa prezidaanti mana murtichaa kan turan Obbo Berhaanemeqel Waqgaari fi itti antuu prezidaanti kan turan Tenaanyee Xilaahuun ji’a lamaan duraa taaiytaa isaani fedhii isaantin akka gad lakkisan gabaasameera.
Manni maree bakka bu’ootaa kun yaa’ii isaa guyyaa har’aa keessatti mirgaa miseensaa mana marichaa tokkoos kaase jira. Akkumaa Kanaan prezidaantii Yuniversitii bulee hora duraanii kan ta’an doktoor Caalaa Waataa sababa malaanmaltummaatiin akka miseensa paarlamaatti mirgii isaan qabanuu akka irraa fudhatamu murtaa’uu isaa Kenedii Abaatee gabaasee jira.
Forum